Jabanaankee Ol Danfe

Jabanaankee Ol Danfe

Jabanaankee Ol Danfe Aaddee Kudhaameen eerga intala isaanii heerumsiifataniin booda, halluu gogaatiin nama qeequu irraa of qusatanii ture. Duratti garuu huuba namarra funaananiitu maqaa namaaf baasu ture. Intalli isaanii gatii arraba isaaniif kanfalame taatee mana dhirsaa seenuu kakattee ture. Gaafa barbaadan ishumaanuu waa jedhu. Haati intala ishii manatti hafte arrabsitu aaddee Kudhaamee qofa ture. Aariin arraba harmee ishii itti hammaannaan kadhannaadhaanis taatu wareegaan nama gudeeda ishii tuqu argatte. Gabaa galte dhiira bitatte. Gurbaan mucaa baadiyyaa ta‟uyyuu waan Afriikaa guutummaa bakka bu‟ee gurraacha‟e fakkaata. Gurraacha fuulli cululuqu kan distiin dhadhaa itti inaafu ture.

Arsenal Jabanaankee Ol Danfe

Hojjaan isaa osoo foddaan lafatti dhiyaatee ijaaramee ol jeqee waaqa ilaalaayyuu seenuuf hin dadhabu. Tarii ormi tuffachuu mala. Bashaadduun garuu waggaa waggaan wareega galchiti. Waaqa dhirsa ishiif argeef Kunoo intalli aaddee Kudhaamee heerumtee, aaddee Kudhaameen haadha soddaa ta‟ani. Intalli aaddee Kudhaamee Badhaadduunis dhirsa argachuu bira tartee mana warra ishii deemuuf kaate. Abbaan manaa ishiis waan uffannaa haaraa fakkaatu wayii bitate. Kofoo
hodhisiifatee, jalattimmoo kophee sharaa dirate. Tiishartii hidhannoo taphattootaa kan kilaba kubbaa miilaa Arsenal bitatee kofoo keessa galchee uffatee gubbaatti kootii jiinsii dabalatee mana amaatii isaa deemuudhaaf ka‟e.

Abbaa manaa Bashaadduu

Dulatii ajajatanii nyaatanii, diraaftiis jaamboo lama lama fudhatanii mana warra soddaatti qajeelani. Yoo mana aaddee Kudhaamee gahan simannaa gaariidhumatu taasifameef. Namoonni olla tokko tokkoofi kan aachi turan gurraachummaa abbaa manaa Bashaadduu ija tuffiin ilaalaniyyuu intalli aaddee Kudhamee kana argachuu ishiitiifiyyuu akka gowwaa warraa galtuu gammaddee sesseeqxi. Abbaa manaa Bashaadduu miira namoota mana keessaa hususan tokko tokko haa ta‟uu nyaata hoteelaa nyaatanii darbantu hin taaneef
haa ta‟uu rabbi haa beekuu, hammas hammas ni xirqaana. “Hii‟i…hii‟i…” jedha daddabalee. Aaddee Kudhaameen waanta isaa hubachuu baatanii callisanii ilaalu.

Bashaatuun namoota tokko tokko dubbistee mana keessa oliif gadi darbitee buna danfisuu eegalte. Mul‟iidhaaf mana haadha ishii har‟a dhuftuyyuu teessee haasa‟uu dhiistee buna akooftee tumuu eegalte.
Jabanaan cilee irra keessee hanga bishaan hoo‟utti buna tumaa jirti. Gidduudhaan garuu salphinni waan akka gabaatti dhuufuu wayii mana aaddee Kudhaameetti mudate. Abbaan manaa Bashaatuu isa xirqaanaa ture obbaafate. Battaluma tokkotti balaqqamuu eegale. Aaddee Kudhaameen iyyanii intala isaanii waamuu eegalani.

Kitaabni Kun Kitaaba Gaariidha!

Gorsa gurbaa isa “Aartiin Oromoo shamarran fixachuudhaaf baay‟ee nama fayyada.” naan jedhe sanaa hojiirra oolchuu barbaadeen kitaaban mata duree isaa hin yaadanne tokkon bitadhe. Bituukoo malee waanan biteefillee hin beeku ture. Gaafan kitaaba sana bitu akkuma beekaa wayii na godheetu gurbaa kitaaba baatee deemu waameen “Mee kitaaba gaarii kan na fayyadu, kan ofii keetiif dubbistee jaalatte naaf eeri!”-n jedheen. Gurbaanis kitaaba wayii ol fuudheetu “Kana dubbisimee! „kitaaba gaariidha‟ jedhuu warri dubbise.” Naan jedhe. Inni daldaaluu malee hin dubbisne jechuudha. Anaani kormee ilmaa! Innis kitaaba gurguruu malee kamtu gaarii akka ta‟eefi kamtu gaarii akka hin taane adda hin baafanne. Anis bituukoo malee mata dureesaa iyyuu hin beeku. Obboleessi jabaan kun baga mana nyaataa hin qabaatiin! Silaa ittoon mana sanaa
yookaan soogiddatu itti baay‟ata, yookaan soogidda malee namaaf dhiyaata. Hin dhamdhamuka!…

Gaaf tokko ganama hiriyaankoo inni buna dhuguu jaalatummoo bilbilee, “Koottu buna fuunyaan keessa baafannaa.” Naan jedhe. Anis kopheekoo miilatti diradhee bilbilakoo butadheen „Hearphone‟ kiyya bilbila kiyyatti suuqeen sirba tokko banadhee gurratti suuqqadheen gara iddoo hiriyaan kiyya itti na beellametti deemuudhaaf yoon furtuu manakoo barbaaduu jalqabu Kitaaban bite sana bukkee taa‟aa jira. Furtuufi kitaaba sana fudhadheen balbala kiyya cufadhee gara hiriyaa kiyyaatti qajeele. Hiriyaakoo wajjin nagaa wal gaafannee gara mana bunaatti yoo qajeellu ani durseetaan buna Bashaatuu hin dhugnu taanaan akkan buna lagachuuf jirun akeekkachiise.

Jabanaankee Ol Danfe

Isheen yeroo hundumaa jaalalakoo naaf hubachuu baattuyyuu, bunni mana Bashaatuu tokko hedduu natti tola. Ani Bashaatuun jaaladhe ta‟ee, buna ishiin jaaladhe ta‟eeyyuu hin beeku. Yoon manaa bahe aachumattan of arga. Miilana immoo kitaaba tokko eergan bitadhee buna ajajadheen yeroo isheen garakoo ilaaltu sararuma tokkon si‟a sagal irra deebi‟ee dubbisa. Gaaf tokko tokko immoo golgaa isaa ol qabeetan maqaadhuma barreessichaa irra deddeebiin dubbisa. Maqaa barreessichaa irra deddeebiidhaan dubbisuu kiyya irraan kan ka‟e, gartuu dhiiga isaayyuu waanan bare natti fakkaachaa jira.

Bashaatuun Jabanaankee Ol Danfe

Waanuma fedheefiyyuu har‟as kitaabakoo qabadheen mana bunaa Bashaatuu jira. Akkuma hiriyaakoo wajjin ol seennee ofirra gadi quuphanneen bunni lama nuuf bu‟e. Anis hanga Bashaatuun garakoo ilaaltutti buna naaf bu‟e sukkaara isaan sochoofachuu eegale. Bashaatuun buna buusuu dhiistee garakoo ilaalti taanaan kitaabichan dubbisuu eegala. Hamman buna sochoofadhutti Bashaatuun garakoo\hin ilaalle. Hiriyaankoo sun buna dhugee fixeera. Ani hammayyuu bunan sochoosaa jira. Gurbaa hiriyaakoo immoo haallikoo bita itti gallaan “Maali saantimatu keessa si jalaa bu‟ee barbaadaa jirtaa?” naan jedhe. Rifadheen bunakoo isa baay‟ee sochoofamuu irraan kan ka‟e qorree funyaan adalaatti bahe araadaaf osoo hin taane dheebuudhumaafan dhuge Kitaaban dubbisuuf osoo hin taane, yeroon mana bunaa Bashaatuu deemu baachuuf bite sana ol fuudheen ijaan gara Bashaatuu ilaalaan fuula isa jalqabaa banee ilaaluun eegale.

Jedhee walaloo itti fufu barreeffadheen yeedaloo isaas itti qindeesseen mana muuziqaafi „You tube‟ qarshii gaarii kanfalu iyyaafachuun eegale. Addumatti immoo osoon mana muuziqaa galee sagalee hin galiin, qabsoo ani „You tube‟ beekamaa iyyaafachuuf taasise baay‟ee cimaa ture. Namoota naannoo tokko galluufi
faddaalota tokko tokkos iyyaafadheera. Walaloo sirbakoo barreessee akkuman xummureen Fuul-barruu
(Face book) kiyyas maqaa nan jijjiire. Jalqaba maqaa kiyyaatti “Weellisaa” jedheen dabale. Suura Albama muuziqaa kiyya wajjin bahuuf immoo mana suuraa deemeen ulee shimalaafi gaachana qabadheen suura Afur ka‟e. Suurota sana keessaa tokko bilbila irratti fudhadheen “Yeroo dhiyootti na eegaa!” jedheen fuul-barruu irratti dhoobe.

nama muuziqaa hojjetu Jabanaankee Ol Danfe

Isa kankoollee itti deebinaatii hiriyaan kiyya tokkos osoo aartiin nama isa bukkee dhaabatu waamtuu sardamee owwaate. Owwaachuu mitii bakka wal argaa weellistootaa mana muuziqaa lixee taa‟ee ka‟uu dide. Suutuma jedhee nama muuziqaa hojjetu wajjin wal baree, sirba baadiyyaatti yeroo qonna qotan sirban sirbuu
akka barbaadu himeef. Qindeessaan muuziqaa sunis horii wayikanfalchiifatee isa „Sample‟ jedhan sana fuudhe. Bariitu yoo hirribaa ka‟aan cireen mana qindeessaa muuziqaa sanaa ittoo lukkuu ture. Weellisichis isaanuma wajjin ittoo lukkuu quba wajjin nama nyaachisu nyaatee „Istuudiyoo seenanii sirba isaa jala sagalee lukkuu galeef dhaggeeffatee itti gammadee yeroo dhumaaf beellama qabate.

walalookoofi yeedalookoo eerga dhaggeeffateen booda waan gurra lamaanitti qadaaddatan naaf kenneetu akkan jalqabu na ajaje. Anis afuurakoo sirreeffadheen walalookoo isan waraqaa irratti barreeffadhe ilaalaa “Raayyaa Istuudiyoo,…” jedhee yoon jalqabu, qindeessan muuziqaa natti kolfuu eegale. Inni meeshaa rukuchuu dhiiseetu natti kolfa; animmoo kophaan dhaabadhee sirba. Akkuma ta‟etti kolfasaa fixateetu, nama biraa wajjin haalaan shaakalee, guyyaa biraa akkan dhufee sagalee kennu naaf himee baatii lamaaf
na beellame. Hamma immoo maal fakkadhee akkan Bashaatuutti mul‟adhu yaalaan bahee deeme…

Author: hasenhiko

2 thoughts on “Jabanaankee Ol Danfe

  1. I do not even know how I ended up here but I thought this post was great I dont know who you are but definitely youre going to a famous blogger if you arent already Cheers

  2. Your blog is a treasure trove of valuable insights and thought-provoking commentary. Your dedication to your craft is evident in every word you write. Keep up the fantastic work!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *