
Mudaa Tekinooloojii
Mudaa Tekinooloojii Teekinooloojiin’ yeroo ammaa kana faayidaa guddaaakka namootaaf gumaachaa jiru quba qabna. Haa
ta’uutii ‘teekinooloojiin’ faayidaa qofa osoo hin taane, mudaa danuus qaba. Eeyyen! Maalummaa
‘teekinooloojii’ beekanii sirnaan itti fayyadamnaan dhuguma bu’aa guddaa qaba. Haa ta’u malee garuu
faayidaan ‘teekinooloojii’ mudaa inni qabaachuu malus xiinxalanii yoo hubatan qofa mirkanaa’a.
Maalummaa teekinooloojii gadi fageessanii hubatanii beekuunis kanumaaf barbaachise. Kanumaaf
‘teekinooloojii’ tolfachuu fi bitachuu gidduu garaagarummaa jirus xiinxalanii ilaaluun kan nama
barbaachisu ta’e. Namni ‘teekinooloojii’ uummatu bu’aa fi miidhaa inni namatti fiduu malu qajeelchee beekuu qaba. Namni bitatutti garuu fayidaa qofa malee miidhaansaa waan itti mullatu hin fakkaatu. Kanaaf tekinooloojii gatii guddaan bitata. Inni uume fayidaa gama lamaan argachuu mala. Inni jalqabaa ammatti gurguree ittiin duroomuu yoo ta’u, kan biraan ammoo iccitii ta’uu mala. Icciticha namicha malee hundi hin argu. Argus hubachuuf ni rakkata. Egaa kanumaaf shif-argaanis teekinooloojii namni yoo danda’e ofii tolfachuu malee bitachuun .

Teekinooloojii Mudaa Tekinooloojii
Egaa kanumaaf shif-argaanis teekinooloojii namniyoo danda’e ofii tolfachuu malee bitachuun miidhaa
qabaachuu akka malu iccitiin hima. Tekinooloojii’ bituun yeroof malee itti fufiinsaan
bitataa waan tajaajilu hin fakkaatu. Kunis sababa yoo namichi inni irraa teekinoolooojii bitatan sun yeroo
booda bitachuu dhorkate qaanii ta’u maluufi. Fakkeenyaaf ‘teekinooloojii’ isa qarshii kuusuufi
daddabarsuuf nuti bitannee itti fayyadamnu yoo booda nuduraa huggurame maal beekna? Inni namaaf jennee amanna moo? Tekinooloojiis namni dhukkubsachiisee dawaa fayyisu nutti gurguruuf
karoorfate hin jiru jennee amannaa? ‘Teekinooloojii’ bitannu kana akkuma waaqaatti amanuu qabna jetta
moo? Mee ati ofii akkamitti ilaalta? Ammaaf deebii siif dhiiseen gara mudaa ‘teekinooloojii’ isan ofii
xiinxalee shakkutti sifida. Ilaa akkasi! Dur irra jireessaan tekinooloojii kalaquuf yaalii beektonni taasisaa turan ittiin rakkoo jireenya namootaa furuu qofarratti kan xiyyeeffatu ture. Hiikni tekinooloojiis kanuma ibsaa ture. Ammas kanuma ibsa. Ta’us garuu dha’ata dha’ataan yaaliin argannoo tekinooloojiif taasifamu ammaa hiika duraa biratti kan biraas waan dabalaa jiru fakkaata.
Kunis sababa namootni baayyinaan ‘tekinooloojii’ gara
meeshaa waraanaatti jijjiiruu eegalaniif ta’uusaati. Gochi kun ammoo ‘tekinooloojii’ isa dur rakkoo
jireenyaa furuun beekamu sana yeroo amma akka