
Kan Gammachuu Qabu Harka Rukuta
Gammachuu Qabu Harka Rukuta Balaa isa mudate moojii barsiisaan tokko harka lamaan hin qabu. Harka lamaan dhabuyyuu barsiisaa waggoota hedduuf barsiisedha. Daree barnootaa yoo seene dhaabateetu afaanumaan barsiisee baha.
Ta‟us barnoota kennuu irratti hir‟ina hin qabu. Barattoonni isaas hir‟ina harka lamaanii qabaachuu isaa ilaalanii hin tuffatan. Haalan barnoota isaa hordofu. Akkuma baratame guyyaa tokko barsiisaan kun osuma barnoota kennuu guyyoonni deemanii fagaachaa jiru. Gaaf tokko osuma barnoota laachaa jiruu Diippartimentii isaa keessaa bahee barattoota isaaf dubbii onnachiiftuu kennuu eegale. Dhimmi ijoo inni qabatee barattoota isaa gorsaa tures gammadaa ta‟anii jiraachuu irratti kan xiyyeeffatu ture.
Elaa barattootaa! Ani akkuma isin agartan harka lachuu hin qabu. Garuummoo waanti natti bades waanti natti hir‟atus hin jiru. Ani harka lamaan dhabuyyuu gammachuun qaba. Dubbii onnachiiftuun bara kanaas herreega biraan ilaalamuu eegalee jira mitiiree? Barattoonni daree sanaa osuma dubbii onnachiiftuu barsiisaa sana dhaggeeffatanii harka isaanii walitti reebanii sirbuu eegalan. Wal jalaa qabuudhaanis,
Situ Dhalata Hin Seene Gammachuu Qabu Harka Rukuta
Mana keenya kara dugda duubaan kireeffattee kan galtu Namoomseen intala dubaraa tokko qabdi. Ani akkuman dhaladheen jara lamaaniyyuu argaadhuman guddadhe. Lamaan isaanii waan hiriyaa fakkaataniif yeroo tokko eenyu akka angafa ta‟eefi eenyu akka qixisuu ta‟e harmeekoo gaafannaan torbee tokko maatiin keenya natti kolfani. Ani maalan balleesseree? isaan lamaanuu akka hiriyaatti wal arrabsu; akka hiriyaatti wajjin deemu. Kanattuu waan hiriyaa natti fakkaataniifan abbaa angafu gaafadh

Namoomseefi Beekkanneen haadhaaf ilmoo ta‟uu isaanii ana mucaa wallaalaa isa homaayyuu adda baasee hin beekne, isa konkolaataa xiqqaafi guddaadhaan “Haadhaaf ilmoo” jedhu, isa bakka tulluuf samiin waan wal tuqu natti fakkaatu akka wal tuqu amanu, isa “Saaraafi Chandiraan afaan amaariffaa beeku.” jedhee falmu mitii namoota gurguddoo naannoo keenya galaniif iyyuu waantichi icciitiidha.
Elaa barattootaa
Namni waan fedhe haa jedhu; ana garaan aachi haa jedhu!” jedhe kajeelaan akkuma jedhamu, ani gaaffiinkoo eenyu akka angafa ta‟e eenyu akka qixisuu ta‟e adda baafachuudha malee isa namni natti kolfu tasumaa hin yaadanne. Abbaan barbaade yoo natti kolfe anaaf waanti ife hin jiru; garuu gaaffiinkoo inni guddaan jara kana eenyu akka angafa ta‟eef eenyu akka qixisuu ta‟e adda baafachuudha.
Lamaan isaaniyyuu huccuu gosuma tokko uffatu. Naannoo keenyatti isaan malee namni beekaaf ammayyaa‟aan hin jiru. Hidhii isaanii halluu dibatu; ija isaaniittis waay dibu. Akkaataan waaqayyo itti
isaan uume waan haalan isaan hin gammachiifne natti fakkaata. Halluu garaa garaa dibatanii yeroo isaan deemaan yoon argu dabtara ijollee keejii natti fakkaatu.
Tag:E-Commerce, OROMO, SEO
1 Comment
Galatomaa B/S Bareefama seessan dubbiseera waan irraa baradheen qaba nuu jabadhaa.
beekarra wabaruu .